Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Jimmaa Arjoo fi Saasiggaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi hidhuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa dararaa ilmaan Oromoo irraan gahan haala duraan amaleeffataniin olitti jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa jedhamu keessaa Amajjii 6, 2025 waraanni goolessaan PP Damiinaa Abdullaayii nama jedhamu maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun loon 2 jalaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Amajjii 4, 2025 godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Arfaffaa Bareedaa bakka addaa Lalisaa Bareedaa jedhamu keessaa maqaa ‘Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata dhiyeessitan” jedhuun nama maqaan isaa Lammeessaa Jiraataa jedhamu badii tokko malee mana hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen himan.

Aanota kanneeniitti maqaa kaffaltii gibiraa dawoo godhachuun saamichi raawwatus jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version