Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Saamichaa fi hidhaan lammiilee nagaa irratti loltoota sirnichaan raawwatu Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Yeroo ammaa dararaan uummata Oromoo irratti ergamtoota sirna nama nyaataa PP’n raawwatu kan durii caalaa jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa keessaa ergamtoonni uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman loltoonni Bilxiginnaa Amajjii 6, 2025 nama maqaan isaa Daaminaa Abdallaa Jamiil jedhamu jalaa qotiyyoo 2 fudhachuun qalatanii nyaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees godinuma kana aanaa Saasiggaa keessattis jiraataa ganda Biqiltuu Shonkooraa kan ta’e nama maqaan isaa Mokonnon Mangashaa jedhamu Amajjii 9, 2025 badii tokko malee reebicha hamaa irraan gahuun osooma inni du’aaf jireenya gidduu jiruu fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu himuun, innis guyyaa kana sirna awwaalchaaf aanichuma bulchiinsa magaalaa Bareedaa hoggaa dhaqu, ergamtoonni sirna nama nyaataa PP ammoo qabuun “situ hawaasa naannoo walitti qabee WBO’f nyaata dhiyeessitu” maqaa jedhu itti maxxansuun dararaa ulfaataa kana irraan gahuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version