ONM-ABO Amajjii 24, 2025
Aanaa Iluu Galaan ganda Abbakuu Aannoo jedhamu irraa Amajjii 20, 2025 nama maqaan isaa Mohaammad Garooshee jedhamu ergamtoonni sirnichaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Kana malees, gandicha keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen saamichi daangaa darbe yeroo gara yerootti hawaasa harka qalleessa ofiifuu qaala’iinsa jireenyaa waliin kokkee wal qabaa jiru irratti raawwatamaa kan jiru ta’uun dabalataan ibsameera.
Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka hin qabne loltoonni Abiy Ahimed, garaa isaanii guuttachuu qofaaf jecha uummata Oromoo miidhaa kan jiran ta’uun ni beekama.

