Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu, Jimmaa Arjoo fi Saasiggaa keessatti hidhaa fi saamichi hammaate

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Barsiisotaaf qooda miindaa sirrii dabaluufiin baruu fi barsiisuuf haala mijataa uumu, faallaa kanaa immoo afaaniin “miindaan isiniif dabalama” jechuun warri sobaan badhaadhe Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa cufa keessaa barsiisota doorsisuu fi miindaa irraa kutuun kaan immoo ukkaamsanii  hidhaatti darbachaa jiru.

Barsiisaa maqaan isaa Namoomsaa Girmaa jedhamu aanaa Haroo Limmuu jiraataa ganda Mukarbaa Diimaa kan ta’ee fi godina Jimmaa irraa kan barsiisu torban darbe keessa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” ittiin jechuun hidhaatti darbatanii waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararaa kan jiran ta’uu maddeen ONM’f himan.

Barsiisaa Namoomsaan siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi boqonnaa gannaaf gara maatii turee, duraanuu dhukkubsataa waan tureef, dhukkubni isaa deebi’ee itti kaanaan akka itti gara hojii idilee isaatti deebi’u dhabuun osoo mana maatii isaa keessa jiruu loltoota sirnichaan yakkamuun maqaa inni keessa hin jirre itti maxxansanii sobaan mana hidhaatti darbatanii dararaa kan jiran ta’uu fi akkuma aanichaatti barsiisota doorsisuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himanii jiru

Gareen garboomfataan PP kufaatii siyaas-dinagdee roga maraan isa mudate irraa damdamachuuf jecha tooftaa ittiin deebisee of utubu tolfatee ergamtoota isaa isaaf amanamoo ta’an caasaa olii irraa qabee hanga gadiitti qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha qabeenyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru jabeessee jira.

Aanaa Saasiggaa ganda Haroo Folaa keessaa kaabinoonni fi waraanni sirnichaa walta’uun jiraattota irratti saamicha raawwachaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas maqaa “sanyii qamadii isiniif dhiyeessina” jedhuun qarshii dhibba ja’a (600) nama tokko irraa dirqiin fuudhaa jiru. Kana malees qonnaan bulaan kamiyyuu lafa jallisii qamadiin alatti oomisha kan biroo oomishuu hin danda’u jechuun dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen saamicha isaanii ittuma fufuun godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessaa kaffaltii gosti isaa hin beekamne nama tokko irraa qarshii dhibba 500 akkasumas kaffaltii gibiraa jechuun qarshii 3560 afaan qawwee itti qabuun jiraattota irraa guuraa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version