ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti murnoonni bilxiginnaa barsiisota irratti xiyyeeffatanii kan jiran yoo ta’u, barsiisaan Oromoo immoo miindaa xiqqaan aarsaa barbaachisu hunda baasee baddaa fi gammoojjii keessa osoo haala mijataa hin filanne sammuu dhalootaa qaruun duula doofummaa balleessuu geggeessaa jiraachuun ni beekama.
Qooda badhaasaa fi kaffaltii olaanaan isaaf kennamuu malu, Oromiyaa godinaalee adda addaa irraa hidhamee, reebamee, arrabsamee, ajjeeffamee, saamamee, hojiirraa dhorkamee obsaan hawaasa tajaajiluun dararaa hamaa dhamdhamaa jira.
Beelaa fi hoongeen waxalamee osoo rakkoolee isa mudataniif harka hin kennin ifaajjii guddaan hojjetaa oola.
Haaluma kanaan, godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraatti loltoonni sirnichaa barsiisaa tokko ukkaamsuun hidhaatti darbachuun eeramee jira.
Barsiisaa Siidaa Waaqoo kan jedhamu torbanoota darban keessa loltoota imphaayera biyyattiin butamuun waajjira poolisii aanichaatti hidhamee garmalee dararamaa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Barsiisaa Siidaan abbaa ijoollee 6 yoo ta’u, torban kana keessa obboleessa isaa kan ta’e Mootii kan jedhamu harka loltoota sirnichaan galaafatamuu fi abbaan isaa ammoo bara 2021 keessa loltootuma sirnichaan du’uu maddeen keenya itti dhiyoo jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

