Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Waayyuu keessattii hiriira balaaleffannaa WBO ba’uu diddaan jechuun hidhaa jiru

Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Waayyuu keessattii hiriira balaaleffannaa WBO ba’uu diddaan jechuun hidhaa jiru.

ONM-ABO Fulbaana 6, 2022Godina Gujii bahaa aanaa Adoolaa Waayyuu keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed uummata nagaa walitti qabee balaaleffannaa WBO ba’aa jechuun konkolaattootaa fi konkolaachistootaas dabalatee uummata gabaa ba’e osoo hin hambisin fedha malee humnaan Fulbaana 1, 2022 hiriira baasanii uummata karaa irratti rakkisaa turan.

Uummata jireenyi itti qaala’ jiru hojii dhuunfaa isaanii irraa qabuun erga dararaa turaniin booda uummata kaaniin hiriira kana irraa haftan jechuun dararaa jiru.

Aanaa Adoolaa Waayyuu keessatti ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti Oromummaan yakkamuun ilaacha isaaniin mana hidhaatti darbatamaa fi maallaqni irraa guuramee hiyyummaaf saaxilamaa akka jiran maddeen gabaasaniiru.

Exit mobile version