ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo lubbuu obbaasuun cinaatti qabeenya dhuunfaa isaan dafqanii horatan gubee mancaasaa fi kan uumaan badhaase irraa beenyaa tokko malee buqqisee abbootii qabeenyaaf kennuun uummanni Oromoo hirkattummaa dinagdee jalaa akka hin baane taasisuu irra darbee hiyyummaa hamaaf saaxiluun maatii hedduu mancaasaa jira.
Akka kanaanis gochi kun jiraattota aanaalee godina Gujii Bahaa keessumattuu aanalee akka Adoolaa Waayyuu, Oddoo Shaakkisoo, Bulchiinsa magaalaa Shaakkisoo, Adoolaa Reeddee, Sabbaa Boruu, Aagaa Waayyuu keessatti saamicha albuudaa waraanni, caasaan sirnichaa fi abbootii qabeenyaan wal qabatee jiraattota lafa irraa buqqisuun namoota bakkicha gadi dhiisuu didan reebuu, hidhuu, saamuun ati deggaraa WBOti jechuun dararaa jabaa irraan ga’aa jiru.
Aanota kanneen keessatti qabeenyi uumamaa hawaasa naannichaaf faayidaa kennaa akka hin jirre kan himan maddeen, hawaasni humnaan maqaa albuudaan lafa isaa irraa buqqa’u bakkeettis faca’aa jira jedhu.
Namootni bifa aadaan hojii albuuda warqee baasuu hojjetan illee adamsamanii hidhamaa fi ajjeefamaa jiru jechuun, maqaa heyyama jedhuunis waajjiraalee fi biiroolee isaaniitti waraqaa namoota isaaniif kennuun Oromoota hedduu dinagdeen adabaa jiru.
Kana malees barattoota shamarranii humnaan qabuun gudeeddii irratti raawwachuun rakkoo hamtuu geessisaa jiraachuu maddeen godinichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

