ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Muddee 31, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Lammeessaa Guyyaasaa,
- Gammachuu Bashaa fi
- Tsaggaayee Waaqumaa jedhaman
loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduu saamichaan walqabatuun ammoo yerooma wal fakkaataatti nama Guuttataa Nagaasaa jedhamu jalaa korma 1 fudhachuun, isas qabanii deemuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Kana malees guyyaadhuma kana gandichuma keessaa Waggaarii Geetaachoo nama jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du’aa fi jireenya gidduu kan jiru yoo ta’u, nama maqaan isaa Gammachuu Nagaasaa jedhamu ammoo badii tokko malee mana isaa keessaa baasuun haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa garuu sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkoota gara jabinaa irratti raawwachuu dubbatu.

