ONM-ABO Muddee 13, 2024
Aanaalee adda addaa keessatti loltoonni Abiy Ahimed, haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa gidirsuu cimsanii itti fufuun, Muddee 9, 2024 Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Saqaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Sanyii Fiqaaduu,
- Abdii Haroo,
- Nugusee Guyyaasaa fi obboleessa isaa,
- Lammeessaa Guyyaasaa jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana irraa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Yaadataa Tasfaayee jedhamu ammoo mana isaa cabsanii seenuun, qabeenyaa mana keessaa kaan saamuun, kaan ammoo guutummaan jalaa caccabsanii mancaasuu maddeen eeranii jiru.
Aanichuma ganda Kuraa jedhamu keessaa ammoo nama maqaan isaa Asfawuu Bantii jedhamu jalaa tiksitoonni sirnichaa loon 7 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu ibsuun, murni afaaniin biyya bulchina ofiin jedhu Bilxiginnaan waraana isaa akka malee hawaasa meesha maleeyyiitti bobbaasuun dararaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu dubbatu.

