ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Amajjii 23, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayerattii aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasaa Dhidheessaa keessaa nama maqaan isaa Marabbaa Mul’ataa jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatii ukkaamsuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda achi buutee isaa dhabamsiisuun, hanga gabaasni kun qindaa’etti du’aa fi jiraan isaa hin baramin jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Oduu saamichaan ammoo, gandichuma keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Daaminaa Abdallaa jedhamu jalaa loon 2 saamuun qalatanii nyaachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeran.
Jiraattonni yakkoonni kun irratti raawwate kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararamaa kan jiran ta’uun barameera.

