Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti waraanni faashistii PP jiraattota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu itti fufe

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Bilxiginnaan waraana isaa naamusa waraanummaa hin qabne guutuu Oromiyaatti bobbaasuun yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne uummata Oromoo irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa badii tokko malee yakkanii hidhuun yeroo barbaadanitti baasanii achi buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuun ibsamee jira.

Ganda Adii Leeqaa jedhamu irraa Hagayya 10, 2024 dargaggoo maqaan isaa Faantaa Galaanaa jedhamu waraanni faashistii PP badii tokko malee daandii gubbaarraa qabuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda konkolaataa keessa buusanii fuudhanii deemuun yeroo ammaa kana bakki inni jiru kan hin beekamne ta’uu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti dargaggoo Faantaan nama siyaasa kam keessaa qooda hin qabnee fi dhukkuba sammuu nama dhukkubsatu waan ta’eef osoo barnoota irra jiruu sababa kanaaf Yuunivarsiitii irraa barnoota isaa digirii jalqabaa addaan kutee jiraachuus dubbatu.

Kana malees, jiraattonni onichaa yeroo ammaa haala yaaddessaa keessa kan jiranii fi  guyyaa guyyaan waraanni goolessaan PP hawaasa nagaa xiqqaa hanga guddaatti hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version