ONM-ABO Hagayya 26, 2024
Namuusa waraanummaa kan hin beeknee fi hawaasa irraa dhalataniif illee naasuu tokko kan hin qabne loltoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa irratti yakkoota gara jabinaa hammeenyaan guutaman garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti loltoonni faashistii PP jiraattota irratti dhukaasuu fi hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himan.
Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Caaroo Goobanoo jedhamutti Hagayya 23, 2024 nama maqaan isaa Daggafaa Birruu jedhamu “WBO waliin hidhata qabda” jechuun waraanni bilxiginnaa bakkee keessa olii fi gadi isa ari’uun itti dhukaasanii akka waan ajjeesaniitti dhaadachaa magaalaa seenuu isaanii jiraattonni gandichaa himan.
Aanuma kana ganda 01 irraa Hagayya 22, 2024 maatii gaddarra jiran mana gaddaa deemuun haadhaa fi abbaa mucaan jalaa wareegame kan maqaan isaanii Obbo Booree Araarsoo fi haadha warraa isaa Aadde Dinqee jedhaman waraanni bilxiginnaa qabuun hidhanii kan jiran yoo ta’u, hawaasa isaan waliin gadda isaanii hirmaachuuf mana isaanii deeman hedduu ta’an irratti ammoo reebicha hamaa raawwatanii jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

