Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraana Bilisummaa Oromoo of-fakkeessuun hawaasa nagaa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Lolaan WBO dura dhaabbachuu yoggaa dadhaban tooftaalee garaa garaa uummachuudhaan uummata Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo wal jibbisiisuuf kan dhama’uu fi akeekaa fi kaayyoo waraanummaa kan hin qabne waraanni Abiy Ahimed, Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Addiileeqaa Tulluu Caalii keessatti Adoolessa 26, 2025 halkan toora sa’a 5:00’tti Waraana Bilisummaa Oromoo of fakkeessuun nama nagaa tokko ukkaamsuun qarshii 100,000 harkaa fudhatanii gadi lakkisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namni gochi hammeenyaa kun irratti raawwate maqaan isaa Gulummaa Kabbadaa kan jedhamu yoo ta’u, waraanni sirnichaa kunneen rifeensa nam-tolchee mataatti kaawwachuun WBO of-fakkeessanii saamicha kana kan raawwatanis jalqaba qarshii 300,000 gaafannaan, “maaloo qarshii 100,000 malee hin qabu; waanan qabu kana fudhadhaatii lubbuu koo ilmaan koof jecha hin balleessinaa” jedhee waan kadhateef erga dararaa hangana hin jedhamne irraan ga’aniin booda waanuma inni qabu harkaa fudhatanii gadi lakkisuun ibsameera.

Kaayyoon saamichi kun bifa kanaan waraana impaayerattiin hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiruuf inni guddaan, Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo walitti diinomsuu fi sirna dhablummaa uumamee jiru hoggantootni waraanaa garee saamichaa qoodanii bobbaafatu kan jedhan maddeen, murni gara jabeeyyiin PP kufaatii gama maraan isaan mudachaa jiruun naasuudhaan waan qabanii gadi lakkisan wallaalanii burjaaja’aa jiru malee uummata Oromoo fi WBO walitti diinomsuun waan tasumaa hin yaadamnee fi uummanni Oromoo waraana isaa kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo waan danda’u maraan akka tumsuuf daran kakaasa jechuun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version