ONM-ABO Fulbaana 14, 2024
Horroo Guduruu wallaggaa keessatti tooftaalee adda addaa baasuun Waraana Bilisummaa Oromoo cabsuuf kan yaalan goleessitoonni faashistii PP gantoota maqaa waraana Bilisummaa Oromoo xureessan qindeessuun aangaa’onni Bilxiginnaa hawaasatti bobbaasanii jiraachuun beekame.
Bilxiginnaan leenjii bakkeewwan adda addaatti kennuufiin kan bobbaasaa jiran yeroo ammaa kanas godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti loltoota rifeensa namtolchee qaban kanneen WBO fakkaatan gandoota baadiyyaatti bobbaasanii saamicha raawwachaa akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.
Saamtonni kunneen odeeffannoo guutuun kan socho’an yoo ta’u, bakkoota Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa jiran irraa siqanii hawaasaan maallaqa deggersaa jechuun dirqamaan kuma dhibbootaan harkaa akka saamaa jiran barameera.
Fakkeessitootni hojii diinummaa hojjechuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata gidduutti waldhabdee uumuuf hojjechaa kan jiran yoo ta’u, caasaa fi kutaa waraana ABO-WBO jala kan hin jirree fi waraana faashistii PP waliin akka socho’anis jiraatonni ONM’tti himaniiru.

