Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoota murni faashistii PP waraana Bilisummaa Oromoo fakkeessuun bobbaasee jiru godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti saamicha raawwachaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Waraanni murna bilxiginnaa hojii faashistummaa godhan jabeessuun bifa adda addaan saamicha hawaasa nagaa irratti taasisan godinoota Oromiyaan qabdu hundaa keessatti bifa jijjiirachuun geggeessaa jiru.

Duula lolaa WBO kan dadhabe Bilxiginnaan WBO fakkeessee bobbaasuun godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti qonnaan bultoota hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Akka Jiraattonni kunneen jedhanitti namoonni saamicha taasisan kunneen WBO fakkaachuun raawwatanis garuu kallattiin ajaja Bilxiginnaa irraa kan fudhatan ta’uu isaanii mirkaneessinee jirra kan jedhan jiraattotni, kallattii tokkoon yeroo socho’an tasumaa waraana bilxiginnaa waliin walitti hin dhukaasan jedhu jiraattotni. Garuu Waraana Bilisummaa Oromoo  ABO-WBO ammoo ni baqatu jechuun himaniiru. 

Hattoonni kun amma naannoo Tulluu Balbalaa fi Qarxamee bakka jedhamu keessa socho’aa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, qarshii qonnaan bulaa irraa garmalee walitti qabachaa jirus  jedhu jiraattonni.

Bilxiginnaan magaalaa Gudayyaa Biilaa irraa Hagayya 14, 2024 sochii taasisanis warra ofii bobbaasan waliin walitti hin dhukaasne.

Hattoota Bilxiginnaa meeshaa fi dhiyeessii ramadeefii bobbaase kun uummata Gudayyaa Biilaanis taphachaa jiru jechuun jiraattotni himaniiru.

Exit mobile version