Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti loltoonni PP hawaasa irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2024 

Loltoonni Bilxiginnaa dinagdeen isaanii kufuu gaafa baran ilmaan Oromoo afaan qawwee itti qabuun dararanii waan fedha isaanii irratti raawwachuu itti fufuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti loltoonni PP hawaasa irratti saamicha raawwatanii jiru.

Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hagayyaa jedhamuun beekamutti Onkoloolessa 6, 2024 loltoonni bilxiginnaa dinagdee isaanii utubuu fi garaa isaanii furdifachuuf jecha saamicha ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, namootni saamaman maqaan isaanii:

  1. Obbo Wandimmuu Tarrafaa jalaa horii 1,
  2. Obbo Balaay Farajaa jalaa horii 1,
  3. Obbo Katamaa jalaa horii 2,
  4. Obbo Gammachuu Tarfaa jalaa hoolota 2,
  5. Obbo Tsaggaayee Katamaa jalaa horii 4,
  6. Obbo Buusaa Guutamaa jalaa horii 1,
  7. Obbo Mirreessaa Wandimmuu jalaa horii 2
  8. Indaaloo Balaayii jalaa horii 5,
  9. Dhaabaa Mootii  jalaa hoolota 2 saamuu fi hedduus  qalatanii nyaachuun kanneen hafan ammoo ooffatanii gara magaalaa aanichaatti galuu jiraattonni ganda Hagayyaa ONM’f eeran.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni horiin jalaa saamame kunneen badii tokko illee kan hin qabne ta’uu himuun, maqaa ”ilmaan keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuu fi “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftan” jedhuun yakkanii gaaffii tokko malee qabeenya isaanii saamuu dubbataniiru.

Exit mobile version