Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraanni maafiyaa PP jiraattota irratti saamichaa fi hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Murni garboomfataa PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti loltoota isaa bobbaasee duguuggaa sanyii labsuun hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisuu itti fufuun kutaa Oromiyaa cufa keessatti jiraattota irratti dararaa geggeessaa jira.

Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti waraanni maafiyaa PP jiraattota irratti saamichaa fi hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Ganda Hagayyaa jedhamu keessaa torban darbe keessa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoota maqaan isaanii Obbo Araarsoo Obsaa fi Obbo Obsaa Dureessaa jedhaman jalaa mana isaanii seenuun hanga danda’an saamanii isaan kaan immoo jalaa caccabsanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan. 

Kana malees, ganduma kana irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Tsaggaayee Katamaa,
  2. Indaaloo Balaayii fi 
  3. Indaalee Shifarraa jedhaman Onkoloolessa 14, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf sobaan yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Exit mobile version