ONM-ABO Muddee 22, 2024
Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen bilxiginnaa milishaa fi farra riphee lolaa jedhamuun waamaman qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha ilmaan Oromoo irratti guyyaa guyyaan dararaa hamaa raawwachaa jiru.
Akka kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hundee Guddinaa jedhamu irraa loltoonni ilmaan namootaaf gara laafina tokko hin qabne dubartii maqaan ishee Aadde Tumbuluu Gomjee jedhamtu Muddee 18, 2024 “Waraana Bilisummaa Oromootu as bule” jechuun rasaasaan rukutanii harka jala madeessuun yeroo ammaa kana hospitaalatti kan argamtuu fi fayyuun ishee illee akka shakkisiisu jiraataan gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, Aadde Tumbuluun haadha ijoollee 10 kan taatee fi sababni madoofteef Oromummaa ishee qofaaf ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Abarraa Raggaasaa,
- Dirribaa Raggaasaa,
- Shaanqoo Dirribaa,
- Kabaa Soorii fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee saamicha irratti raawwatanii jiraachuu dubbata.

