ONM-ABO Hagayya 14, 2024
Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu loltootaa fi lukkeelee isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula duguuggaa, saamicha, reebichaa fi manneen hawaasaa gubuu raawwachuutti dabaluun ilmaan qotee bulaa Oromoo manaa gadi baasee badii tokko malee ajjeesuun dararaa hamaa irraan ga’aa jira, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti faashistootni Bilxiginnaa “deggertoota WBO’ti” jechuun uummata ajjeesuu itti fufanii jiraachuun himame.
Aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Gannatii jedhamuun beekamu keessatti torban darbe keessa tiksitootni Bilxiginnaa ofii isaaniin itti aanaa bulchaa gandaa gochuun qotee bulaa maqaan isaa Miidhagsaa jedhamu humnaan filuun akka inni hojii gandaa hojjetu gochuu isaanii jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Haa ta’u malee, daba sirna nama nyaataa kana irratti baruun “tiksitoota Bilxiginnaa waliin hojjechuun yakkoota gara jabinaa uummata koo irratti hin hojjedhu” jechuun yommuu inni didu, loltoonni imphaayera Itiyoophiyaa immoo”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

