ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Gochoonni guyyaa irraa gara guyyaatti hawaasa Oromoo irratti waraana faashistii PP’n raawwatu daranuu hammaachuun qe’een qonnaan bultootaa saamamaa fi manca’aa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa akkuma turre yeroo ammaas haala hamaan rakkoof saaxilamaa jiraachuun ibsameera.
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa keessatti Sadaasa 11, 2024 waraanni faashistii PP qotee bultoota gandichaa manneen isaanii irra deemuun maqaa hidhata WBO qabdu jedhu itti maxxansanii bakka maatiin qe’ee hin jiretti furtuu mana jireenyaa isaanii kutanii itti ol seenuudhaan qabeenya saamuun beekameera.
Jiraattotni gandichaa qabeenyi jalaa saamames:
- Obbo Katamaa Abdiisaa,
- Obbo Silashii Qannasaa fi
- Asfaw Mangashaa kanneen jedhaman dabalatee namoota maqaan isaanii nu hin geenye biroon meeshaalee mana keessaa itti fayyadaman guutummaatti gariin jalaa caccabsuun balleessuu fi kanneen biroo ammoo jalaa saamanii deemuun addeeffameera.
Meeshaalee manneen barnootaaf itti tajaajilaman ragaalee barnootaa kanneen Yuunvarsiitii fi Koolleejjii adda addaa irraa fudhachuun eebbifamanis jalaa gubuun akka barbadeessanis ibsameera.

