Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti dargaggeessi tokko waraana maafi’aa PP’n ajjeefame

ONM-ABO Sadaasa 9, 2024 

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti heerri abbootii irreen sakaalamee ilmaanni hiyyeessaa kanneen matta’aa kaffaluu hin dandeenye hidhamuun gaaffii seeraa tokko malee ajjeefamuun aadeffatamee jira.

Godina Horroo Guduruu aanaa Jimmaa Gannatii ganda Hagayyaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Tsagayee Katamaa jedhamu gara jabeeyyiin waraana maafi’aa koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 8, 2024 maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun rasaasa itti roobsuun ajjeesuun ibsameera.

Jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa humnoota waraana Bilxiginnaa fi hidhattoota Amaaraa Faannoon ajjeefamuun kan itti jabaate  ta’uu himuun yeroo ammaa maqaa WBO’f dahoo tolchitanii   haleellaa nu irratti taasistuu fi  ni deeggartu jedhuun hawaasa nagaa lubbuu fi qabeenya isaa balleessaa jiraachuu ibsu.

Ajjeechaa jumlaa irra deddeebiin Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa dabalatee godinaalee birootti adeemaa jiruun duguuggaan sanyiis adeemaa akka jiru jiraattonni itti dabaluun kan himan yoo ta’u, hawaasni qabeenyaan isaa saamamuu fi manneen isaas gandoota baadiyyaa keessaa guyyaa guyyaan gubachaa akka jirus ni beekama.

Exit mobile version