ONM-ABO Sadaasa 16, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni Bilxiginnaa sababoota garaa garaa itti maxxansuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun adamsee ukkaamsee dhabamsiisuu, ajjeesuu, hidhuu fi saamuun dararaa ulfaataa irraan ga’uu jabeessee jira.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Baddaa Warqee jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dararuu jabeessuun, Sadaasa 13, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Shallammaa Bantii,
- Geetaa Nagaraa fi
- Araarsoo Oliiqaa jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Akka jiraattonni kunneen himanitti, nama Shallammaa jedhamu jalaa qotiyyoo 2 fudhachuu himuun, hunda isaanii immoo sababa tokko malee maqaa “ilmaan keessantu WBO keessa jira” jedhuun gocha isaanii malee hidhaatti darbachuu himu.

