Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti loltoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu akkaan jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Murni garboomfataan impaayerattii maqaa qofaan “ani impaayerattiin of harkaa qaba” jechuun dhaadatu hawaasa nan bulcha jedhu gochoota suukkaneessoo adda addaa irratti raawwachuun hawaasa jiilchee akka inni mirga isaaf hin falmanne gochuuf hidhuu, ajjeesuu, saamuu, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuu, achi buutee dhabamsiisuu fi dararaa garaa garaa irratti raawwachuu hojii idilee godhatee jira.

Kanumaan wal qabatee godina Baha Wallaggaa  aanaa Jimmaa Arjoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Fulbaana 14, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Hundee Guddinaa jedhamu keessatti hawaasa nagaa kanneen hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii bulan ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii dararaa hamaa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, sababni isaa osoo itti hin himaminii fi mana murtiitti osoo hin dhiyaatin dararaa argaa jiru. Namoonni kun maqaan isaanii:

  1. Sadoo Shanoo 
  2. Caalaa Shanoo
  3. Mahaammad Kaaldaa
  4. Ibraahim Abdallaa fi
  5. Mahaammad Abdallaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kanneen badii tokko malee qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Akka jiraattonni eeranitti, namoonni kun kaadiroota PP’n sobaan yakkamuun kan hidhamanii fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu himaniiru.

Exit mobile version