Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa ajjeesuu fi hidhuu itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Waraanni nama nyaataan impaayerattii dhiiga hawaasa nagaa dhangalaasuu akka gootummaa fi haaloo ba’uutti kan ilaalu, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti guyyaa irraa guyyaatti badii tokko malee qe’ee isaa irratti ajjeesuu fi hidhuu itti fufee jira.

Akkaatuma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjootti ajjeechaa fi hidhaan loltoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaachuun uummatni yaaddoo keessa seenee jira.

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Bonayyaa Daabbee jedhamu irraa Hagayya 30, 2024 dargaggoo maqaan isaa Umar Huseen jedhamu ‘WBO waliin hidhata qabda’ jechuun loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ganduma kana irraa guyyuma kana dargaggoo maqaan isaa Fayisaa Tamasgeen jedhamu haaluma walfakkaatuun loltoonni sirnichaa qe’ee isaa irraa qabuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version