ONM-ABO Ebla 10, 2025
Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessaa Ebla 8, 2025 dargaggoo maqaan isaa Toleeraa Shaambaal jedhamu waraanni faashistii PP badii tokko malee ukkaamsuun hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, loltoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamta” jedhu itti maxxansanii hidhuu dubbatu.
Duula duguuggaa sanyii Koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo irratti labsame raawwachuuf dirqama fudhatanii kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa gara jabinaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

