ONM-ABO Ebla 6, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee keessaa Ebla 5, 2025 ergamtoonni sirna bututaa suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan sababa tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Ijjiguu Addunyaa jalaa loon 7,
- Shuumaa Guuttataa jalaa qotiyyoo 2 fi
- Hambisaa Takiluu jalaas qotiyyoo 1 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Loltoonni Bilxiginnaa kunneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwatan kana jabeessanii ittuma fufuun, aanichuma ganda Baddeessaa Abbaa Garmaamaa iddoo addaa Badhaas jedhamu irraas guyyaadhuma kana Yaaddessaa Dhaabaa nama jedhamu jalaas loon 3 fi hoolota 5 saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.
Sababni saamicha kanaas inni ijoon ilmaan keessan bosona jiran galchuu maaf dhiistan kan jedhuun akka ta’es jiraattonni kan himan yoo ta’u, akka guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun saamicha, gubaatii manneenii, hidhaa fi ajjeechaa daran hammeessanii jiraachuun ni beekama.

