• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree keessatti loltoonni faashistii PP hawaasa nagaa saamuu akkaan cimsanii itti fufan

Apr 7, 2025

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee keessaa Ebla 5, 2025 ergamtoonni sirna bututaa suphuuf halkanii fi guyyaa ifaajan sababa tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Ijjiguu Addunyaa jalaa loon 7,
  2. Shuumaa Guuttataa jalaa qotiyyoo 2 fi
  3. Hambisaa Takiluu jalaas qotiyyoo 1 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Loltoonni Bilxiginnaa kunneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwatan kana jabeessanii ittuma fufuun, aanichuma ganda Baddeessaa Abbaa Garmaamaa iddoo addaa Badhaas jedhamu irraas guyyaadhuma kana Yaaddessaa Dhaabaa nama jedhamu jalaas loon 3 fi hoolota 5 saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

Sababni saamicha kanaas inni ijoon ilmaan keessan bosona jiran galchuu maaf dhiistan kan jedhuun akka ta’es jiraattonni kan himan yoo ta’u, akka guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun saamicha, gubaatii manneenii, hidhaa fi ajjeechaa daran hammeessanii jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading