• Tue. Jun 23rd, 2026

Namootni Dhibbaan lakkaa’aman guutuu Awurooppaatti walitti qabamuun Tiraamp fi Maaskiin morman 

Apr 7, 2025

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Sanbata kaleessaa prezidaant Ameerikaa Doonaald Traamp fi gorsaa isaanii Elen Maask irratti namoonni dhibbaan lakkaa’aman mormii dhageessisaniiru. Kunis torban gabaa faayinaansiitiin erga Tiraamp taarifa addunyaa bal’aa ta’e ifoomsanii booda.

Magaalaa guddoo Faransaay Paaris keessatti namoonni gara 200 ta’an, irra caalaan isaanii Ameerikaa, Tiraamp irratti mormuun Pilees di la Ripaabliki irratti walitti qabamuun mormii dhageessaa fi yaada isaanii ibsachaa turan.

Magaalaa Jarmanii Firaankfart keessatti, harka irraa kaasi “Hands Off!” Jechuun kan ba’an yoo ta’u, Hiriirri kun kan qophaa’e paartii Dimookiraatota biyya alaa, dhaabbata seeraa paartii Dimookiraatotaa lammiilee Ameerikaa biyya alaa jiraataniin ture.

Barliin keessatti, mana agarsiisaa Teslaa fuulduratti mormii dhageessisan.

Barliin keessatti dhaadannoowwan Maask irratti qajeelchan “Elan callisi, namni siif sagalee hin kennine” jechuun hojii inni baasii hir’isuuf gargaarsi adda cituu qaba jedhe balaaleffataniiru.

London fi Lisbon dabalatee magaalota Awurooppaa biroo keessattis mormiin Tiraamp fi Maask irratti gaggeeffameera jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading