ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Haleellaa qoqqoodiinsa sanyummaa gidduu loltoota faashistii Abiyyi Ahimaditti uumameen dhukaasa walirratti banuu keessa beektonni ifoomsan.
Taateen kun kaleessa Waxabajjii 13, 2026 Godina Baha Wallaggaa aanaalee lama keessatti kan raawwatame yoo ta’u, loltoota Bilxiginnaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessa qubsiifamanii turan ta’uun beekameera.
Tarkaanfiin kun kan dhufe loltoonni mufannaa wal dhabdee yaadaa fi wal qoqqoodiinsa sanyummaa gidduu isaaniitti uumameen kan dhalate yoo ta’u, gareen tokko isa biraarratti giddu seentummaa dhaquun kan wal haleelan ta’uu ibsu maddeen bakkichaa.
Dhukaasa garee uumame kanaan hogganaan raayyaa ittisa impaayerattii qajeelchaa shaamballii ta’e tokko kan ajjeefame yoo ta’u, taatee kana hordofee miseensotni waraanaa hedduun akka faffaca’an ibsameera.
Akkasumas hogganaan shaamballii inni biraanis eegdota isaa fudhatee kan miliqan yoo ta’u, hanga yoonaatti eessa akka gahan kannhin beekamne ta’uu fi gareewwan wal haleelan gidduutti summiin jibbaa faca’uun bakka lamatti wal qoodanii wal eeggachaa jiraachuun beekameera.
Gareen faayidaa dhuunfaa isaanii caalchifachuun dhiiga qulqullootaa dhangalaasaa oolan faashistoonni waraana Bilxiginnaa, bu’aawwan xixiqqoo fi dafqa hiyyeeyyii saaman irratti wal dhabuun kan haleelan yoo ta’u, bakkoota garaagaraatti immoo qoqqoodiinsi sanyummaa gidduu isaaniitti uumamuu hordofee walitti dhukaasanii wal ajjeesuu fi hir’ina qaamaa walirratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.









