ONM-ABO Waxabajjii 14, 2026
Murni faashistii kolonel Abiy Ahimediin geggeeffamu finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waamanitti meeshaa waraanaa hanga funyaaniitti hidhuun daangaa Oromiyaa seensisee yakkoota garaagaraa raawwachisaa jira.
Kaaba Oromiyaa Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Ganda Utaaltee bakka addaa Karaa Diimtuu jeedhamu gaafa Waxabajjii 7, 2026 hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa uummata Oromoo irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwachuu jiraattonni ibsan.
Namoota ajjeefaman keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:
- Obbo Addurroo Aliyyi Husseen fi
- Aadde Zahaaraa Muusaa Abdallaa
jedhaman haala nama sururuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Kana malees harmee keenya duute jalaa horii gaanfaa 11 kan saamanii fi horii gaanfaa 8 ammoo rasaasaan kan ajjeessan ta’uu jiraattonni gandichaa dabaluun addeessaniru.
Garee dhala namaaf gara laafina tokkollee hin qabne kanaan qonnaan bultoonni ajjeefaman kunneen, badii balleessanii fi siyaasa kam keessaayyuu kan hinqabne akkasumas hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti kan bobba’anii jiraatan ta’uu himuun, shiftoonni Amaaraa immoo jibbiinsa ilmaan Oromoof qabaniif jecha Oromummaa isaanii qofaan yakkuun ajjeessanii bakkee keessatti gatanii deemuun ifoomeera.
Finxaaleyyiin Amaaraa deggersa qaamolee Bilxiginnaa irraa argataniin hanga funyaaniitti hidhatanii haadha ajjeessanii ijoolee bakkeetti hambisuu, akkasumas abbaa ajjeessanii ijoolee abbaa malee hambisuu fi haadhaaf abbaa ijoollee irraa ajjeessanii xiin-sammuu daa’immanii miidhuun abdii jireenya isaanii itti duukkaaneessaa jiraachuun ni beekama.



