Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Limmuu fi Sibuu Siree keessatti loltoonni faashistii PP hawaasa nagaa saamuu, hidhuu fi manneen irratti gubuu itti fufan

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Limmuu ganda Waarsuutti torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Abdiisaa jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii yoo barbadeessan, Obbo Misgaanaa Tolasaa jalaa ammoo; Hoolota 14, Re’oota 4, Lukkuu 3, Buna kuntaala 10 fi midhaan nyaataa gosa garaa garaa saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Saamichaan cinattis maatiin isaanii yakka tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii dararamaa jiraachuu dubbatu.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti gidirfamni ilmaan Oromoo kun jabaatee ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee irraa ammoo Ebla 6, 2025 dargaggoo Gammachuu Hayiluu jedhamu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version