ONM-ABO Waxabajjii 27, 2025
Gara laafinaa fi naasuu tokkollee saba irraa dhalataniif kan hin qabne loltootni impaayera Itiyoophiyaa, uummata nagaa dhimma jiruu fi jireenya isaanii malee hirmaanna siyaasa biraa keessaa hin qabne sababoota sobaa garaa garaa itti maxxansuun duguuggaa sanyii irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee bakka addaa Cirracha jedhamu irraa loltoonni koloneel Abiy Ahimed Waxabajjii 24, 2025 abbaa ijoollee 3 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Gammachuu Tamasgeen jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.
Jiraattonni ONM dubbise akka himanitti, Obbo Gammachuun siyaasa kam irraa bilisa yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa garuu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhu itti maxxansanii qe’ee fi maatii isaa irraa ukkaamsuun aanichuma ganda Jaalallee jedhamutti geessanii ajjeesuu dubbatu.

