Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Saasiggaa, Sibuu Siree fi Waayyuu Tuqaa keessatti ergamtoonni abbaa irree Abiy Ahimed lammiilee nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Ebla 8, 2025 

Aanaa Saasiggaa ganda Odaa irraa Ebla 3, 2025 tiksitoonni teessoo siyaasa nam-tokkee maqaa “meeshaa waraanaa qabda” jedhuun Obbo Tolaa Raggaasaa nama jedhamu badii tokko malee halkan toora sa’a 11:00’tti mana jireenyaa isaa deemanii ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Haaluma wal fakkaatuun, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Gelaa Qarsaa keessaa ammoo abbaa fi ilma kan ta’an: 

  1. Obbo Takilee Qinaaxxii fi 
  2. Amaanu’eel Takilee 

kanneen jedhaman meeshaa waraanaa boodatti hafaa tokko kan dhuunfaa isaanii erga jalaa fudhatanii booda hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, ganda Gammannee irraa ammoo Amanuu Dirribaa nama jedhamus mana hiraarsaatti darbatanii jiraachuun ibsamee jira.

Hidhaa fi dararaan ilmaan Oromoo irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, godinichuma aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Ku’ee irraa Ebla 4, 2025 namootni maqaan isaanii:

  1. Ijjiguu Addunyaa,
  2. Geetuu Ijjiguu,
  3. Daani’eel Solomoon,
  4. Mootii Asfawuu,
  5. Biqiltuu Batuunaa,
  6. Gammadaa Maammoo,
  7. Abdannaa Tasfaa,
  8. Amaanee Taakkalaa,
  9. Gammachuu Alamaayyoo,
  10. Gaaddisee Alamaayyoo,
  11. Boonaa Asfawuu fi 

kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Boonayyaa Moloo keessaa Bitootessa 30, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Dinquu Tasgaraa,
  2. Habtamuu Taayyee fi
  3. Daggafaa Baashaa 

kanneen jedhaman reebanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version