ONM-ABO Mudde 9, 2023
Roorroo koloneeffatamuun uummata Oromoo irraan gahe hiriyyaa Kan hin qabne yoo ta’u, moototni Impaayera Itoophiyaa aangoo walitti daddabarsuu fi maqaa sirna bittaa jijjirratan malee, haallii fi jireenyi uummata Oromoo wayyoomina tokko illee hin qabu.
Bifuma kanaan Kamisa dheengadda Muddee 7, 2023 godina Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa ganda Shonkoraa Biqiltuu jedhamu Keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimed haadha tokko Kan maqaan ishee Gannoo jedhamtu qe’ee ishee Keessatti maqaa WBO deggertaan yakkuun meeshaa guddaa Dishqaa itti dhukaasuun lubbuu ishee baasuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aaddee Gannoon haadha ilmaan shanii fi abbaa manaa Kan hin qabne yoo taatu,daa’imman xixiqqoo hojii guyyaa hojjechuun akka jiraachistus maddeen dabaluun kan ibsan hoggu ta’u, ilmaan ishee yeroo ammaa rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun isaanii beekamera.
Dabalataanis aanaadhuma Saasiggaa Keessatti qabeenyaa namaa saamuun jabaatee Kan jiru yoo ta’u, obbo Taarikuu Dabalaa jalaa Doqdoqqee tokkoo waraanni PP jalaa fudhachuun gara magaalaatti deebi’uunis ifoomeera.

