Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni faashistii PP abbaa fi ilma ajjeesuun, haadha manaa immoo madeessan

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru murni garboomfataan PP golee Oromiyaa mara keessatti maqaa “sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun waraana isaa bobbaasee sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee, haala suukkanneessaatiin ajjeesee gatuu fi madeessuu cimsee itti fufee jira.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Laaloo Igguu bakka addaa Harbuu Qaruu ykn Fugug jedhamutti Amajjii 16, 2025  loltoonni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa nama maqaan isaa Balaay Filee jedhamu fi ilma isaanii mucaa Bilisaa Balaay jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuun, haadha manaa isaa maqaan ishee Bakkashee Tolasaa jedhamtu rasaasaan dhahanii madeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka maddeen jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii abbaa fi ilma erga ajjeesanii booda gara jabina hamaa ta’een haadha manaa madeessanii yeroo ammaa kana hospitaala Shaambuutti yaalamaa jiraachuu fi lubbuun hafuun ishee illee shakkisiisaa ta’uu dubbatu. 

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne gara jabeeyyii loltoota Bilxiginnaan uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun dararaa bifa haarawwaan irratti banamee jiruuf yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uun ibsameera.

Exit mobile version