ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Horroo Bulluq ganda Laaloo Igguu keessatti Amajjii 16, 2025 waraanni PP hawaasa nagaa hidhuu, saamuu fi ajjeesuu amaleeffate oobdii isaanii keessaa osoo xaafii qulleessaa jiranii maatii Obbo Balaay Filee Soorii irratti dhukaasa banuun maatii tokko keessaa abbaa fi ilma maqaan isaanii Obbo Balaay Filee Soorii fi ilma isaanii dargaggoo Bilisaa Balaay wal irratti ajjeesuun haadha warraa Obbo Balaay kan maqaan ishee Bakkashee Hinkoosaa jedhamtu ammoo rasaasaan rukutuun yeroo ammaa hospitaala Shaambuu seenuun du’aa fi jireenya gidduu akka jirtu maddeen ONM’tti himan.
Oduu birootiin ammoo Onuma Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa keessatti Amajjii 14, 2025 waraanni PP dhumaatii haleellaa WBO’n isaan irratti raawwate baaraaguun uummatatti haaloo ba’uuf jecha Amajjii 16, 2025 uummata ganda sanaa walitti qabuun isintu nyaachisee nutti bobbaasa jechuun uummata ofiifuu rakkoon adda addaa itti wal furaa jiru doorsisaa fi reebicha hamaa irratti raawwachaa ooluu maddeen dabaluun ONM’f gabaasan.
Kana malees ganda Ashaayyaa jedhamu keessaa Amajjii 13, 2025 ergamtoonni sirnichaa “ijoollee keessan bosona jiran fiduu diddan” sababa jedhuun namoota maqaan isaanii:
- Aadde Xummee Hirkisaa fi
- Obbo Baqqalee Baay’isaa
jedhaman akka malee reebicha hamaa erga irraan gahanii booda mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

