Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluq keessatti waraanni faashistii bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi achi buutee dhabamsiisuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024 

Doorsisa, hidhaa, saamicha manneen gubuu fi ajjeechaan amaloota murna bilxiginnaa yoo ta’u, isaanis uummata keessaa ba’an dhaggeeffachuu irra humna qaban hundaan uummata nagaa boqonnaa dhowwachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq keessatti waraanni faashistii bilxiginnaa jiraattota hidhuu fi achi buutee dhabamsiisuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Fulbaana 14, 2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Burqituu Oborraa jedhamu keessatti kaadiroonni fi waraanni Abiy Ahimed manneen hawaasaa irra deemuun hawaasa nagaa hojii dhuunfaa isaa dalagatee bulu jumlaan ukkaamsuun hidhuu fi mana hidhaa irraas baasanii achi buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.

Namoota maqaan isaanii:

  1. Rattaa Soorii,
  2. Gammulee Guyyaasaa,
  3. Taayyee Abdannaa,
  4. Balaay Namoomsaa,
  5. Taarikuu Morodaan fi 
  6. Toobbaraa Wiirtuu kanneen jedhaman loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee adamsanii qabuudhaan achi buutee dhabamsiisuu himanii jiru.

Akka jiraattotni jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qabaachuu himuun, waraanni goolessituu Bilxiginnaa ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version