ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin beekne ta’uun, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii kan mormanii fi waan ittiin hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkanii ukkaamsanii hidhaatti darbachuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee adda addaatti waraanni PP hawaasa hidhuu fi saamuu cimsee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Horroo Bulluq keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa Onkoloolessa 11, 2024 ganda Ashaayyaa Daadoo keessaa nama maqaan isaa Hirphaa Fiqaaduu jedhamu badii tokko malee sobaan yakkanii magaalaa Saqalaatti geessuun hidhatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, godinichuma aanaa Abbaay Coomman magaalaa Finca’aa keessatti Onkoloolessa 20, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromoo balaaleffadhaa” jechuun uummata wal ga’ii waamanii kan turan yoo ta’u, namoota wal ga’ii hin deemin hafan irratti saamicha qarshii dhibba shanii hanga kuma tokkoo fi namoota waan kaffalan hin qabne hedduu hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

