ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Murni aantummaa fi quuqama uummata koon qaba jechuun sobaan of dhaadessu bilxiginnaan, umurii barcuma aangoo siyaasaa isaa dheereffachuuf jecha golee Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa naasuu fi kabaja namummaa tokkollee dhala namaaf hin qabne bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabinaa fi farra namoomaa garaa garaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Jimmaa Raaree fi Coomman Guduruu keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu maddeen eeran.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Jaarraa Shumboo jedhamu keessatti Onkoloolessa 8, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Daraartuu Taraffaa,
- Injifannoo Dassuu,
- Kadijaa Sheek Shamsuu,
- Sabboontuu Kuubaa,
- Abarruu Abdataa,
- Tolasaa Tarreessaa,
- Siccaalee Gadaa,
- Caaltuu Roobaa fi kanneen biroo hedduu ta’an yakka tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Godinuma kana aanaa Coomman Guduruu ganda Reef-Guddannee magaalaa Facaasee jedhamu keessaa gaafuma Onkoloolessa 8, 2024 ijoollee obbo Dhaabaa Jiloo kanneen maqaan isaanii:
- Lataa Dhaabaa,
- Caaltuu Dhaabaa fi
- Ancaaluu Dhaabaa jedhaman badii tokko malee sababa obboleessa keessantu bosona jira jedhuun mana hidhaatti yoo darbatan, dargaggoo maqaan isaa Jireenyaa Bishiruu jedhamu ammoo bakka harmeen ijoollee kanaa aadde Baacanii Gooldaa jirtu nutti himi jechuun reebicha hamaa irraan ga’anii deemuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen jedhanitti, kanaan duras waraanni Bilxiginnaa kun mana jireenyaa obbo Dhaabaa Jiloo cabsuun qabeenya mana keessaa tokko osoo hin hambisin jalaa saamanii jiraachuu dubbatu.

