Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa, aanaa Coomman Guduruu fi aanaa Jimmaa Raaree keessatti ganama irraa eegaluun diina haleelaa jira

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Guyyaa Hardhaa Mudde 26, 2023 ganama barii irraa eegaluun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa keessatti tarkaanfii jajjabaa diina irratti fudhachaa jiruun, Mooraa waraana impaayerattii ganda Qarree Waatiyoo keessatti argamu buqqisee diina keessaa ariyuun gandicha guutummaatti yoo qulqulleessu, magaalaa kombolchaatti darbuun lola guddaa gaggeessaa jira.

Bifuma walfakkaatuun Leencici abdiin Sabaa WBOn aanaa Coomman Guduruu magaalaa Gabatee keessatti diina watwaachisaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Jimmaa Raaree keessattis diina sochii itti goote lolee ofirraa deebisuun gara magaalaa Waayyuutti duukaa seenee magaalittii haleelaa jiraachuun beekame.

Injifannoolee fi guutuu gabaasa kanaa akkuma lolichi goolabameen kan isin biraan geenyu ta’a.

Exit mobile version