Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa keessatti marsaa 2ffaaf Moortara diina irraa hiike!

ONM-ABO Caamsaa 17, 2023 

Qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo WBOn tarkaanfii ganama har’aa Caamsaa 17, 2023 waraana faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa irratti fudhachaa jiruun meeshaalee waraanaa  hedduu dugda diinaa irraa hiikee jira.

Lola qindoomina Birgeedii Bakakkaa, Murtoo Guutoo fi Maccaa fi Tuulamaa waliin ta’uun fudhataniin bireena, isnaayipera fi qawwee AKM malee moortara tokko hiikuun torbee kana keessa qofa moortara 2ffaa waraana Abiy Ahimed irraa hiikuun barameera.

Booji’amtootni baay’inni isaanii 65 ga’ee kan jiru yoo ta’u, lolli aanaa Dadduu ammoo itti fufee jira.

Kaabineen aanaalee biroo irraa magaalaa Shaambuu fi Naqamteetti baqachaa jiru.

Tarkaanfiin WBOn fudhatu itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version