ONM-ABO Caamsaa 13, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf bifa haaraan godinaalee Oromiyaa mara keessatti bobbaafaman du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraana irraa hiikaa jira.
Haaluma kanaanis qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn har’a Caamsaa 13, 2023 ganama irraa eegaluun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Qarree Waatiyyoo keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed duula sakattaaf bobba’aan baarudaan macheessee oliif gadi akaa’uun loltoota PP ganda lama keessa dabarsuun magaalaatti galchee jira.
Lola kanaanis humna diinaa irraa loltoota 75 ajjeesuun 126 madeessee dishqaa 2, moortara 1, PKM 8, isnaayippera 6, qawwee AKM 65, rasaasa adda addaa 3215, boombii 28 irraa yoo hiiku, loltoota PP 35 harkaan qabee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii jabduu fudhachuun injifannoo aanaa Kombolchaa keessatti argate godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessattis guyyuma har’aa argisiisee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

