Duula PP fi Ittisa WBO
1. Meettaa Walqixxee
WBOn Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar godina Shaggar Lixa aanaa Meettaa Walqixxee keessatti tarkaanfii ittisaa fudhateen diina adabuun meeshaalee waraanaa irraa booji’e.
Caamsaa 14, 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn tarkaanfii ittisa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Oromiyaa bakkoota adda addaatti diina du’aa fi madoon adabuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan kaleessa Caamsaa 13, 2023 irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar tarkaanfii Shaggar Lixa ona Meettaa Walqixxeetti humna diinaa sakattaa WBOf wal guuree deemaa ture irratti cibraan Badhoo Dachaas, Magarsaa Barii fi Bakkalcha Barii qindoominaan of irraa ittisuun loltoota PP 215 ol hojiin ala taasisee jira.
Kana keessaa loltuu PP 94 du’aan, 71 ammoo madoon, 50 ammoo kan boji’ame ta’u fi humna diinaa reebuf mortaara dhukaasaa turte baragsee gargar facaasee jira.
Gama meeshaatiin
• Kilaashii AKM 67
• PKM 2,
• Isnaayippera 2
• Rasaasa 6,800
• Boombii 27
• kaazeenaa 107
• hidhannoo 39
• Koddaa 66
• Jorooroo 315
• Uffata waraanaa 64
• Maallaqa 7055 dugda diinaa irraa hiikun qabsoof galii gochuu Ajajaan WBO ibsee jira.
2. Mida Qanyii
Giddugala Oromiyaa Lixa shaggar Aanaa Ilfataa, Amboo fi Midaa Qanyiitti Caamsaa 13 – 15tti duula PPn gaggeessee olaantummaa Birgeedii Obomboleettiin goolabame.
Caamsaa 13, 2023 ganama irraa sochii kan eegalan ergamtoonni sirnichaa sa’a dura aanaa Midaa Qanyii ganda Gijjoo Kombeetti rasaasa WBOn machaa’uun 14 du’aan 20 madoon adabamaniiru.
Itti Fufuun Birgeediin Obomboleetti Lola guddaa kan lole caamsaa 15 waaree booda guyyootan sadan darbaniif mooraa qubsuma diinaa kan taate aanaa Amboo ganda Galaan Waddeessaa bakka addaa Bagaallootti lola sa’a 3:00 oliif gaggeeffameen mooraa qubsuma ishee keessaa buqqisuun olii gad ari’ee waadaa ture. Lola kanaanis qondaalota ishee dabalatee miseensonni waraana 66 battalatti yoo ajjeefaman loltootni 71 madoo cimaan adabamaniiru.
WBOn lixa Shaggar keessatti guyyaa arfaffaaf lola geggeessaa jiruun Caamsaa 16, 2023 aanaa Midaa Qanyii ganda Bakkaafaa Abeetoo lafa Gabaa Qidaamee keessa qubachuun uummata dararaa kan turan bariin marsuun madoo fi du’aan adabee meeshaalee garagaraas mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera.
3. Ilfata
Aanaa Ilfataa irraa kallattii Aanaa Ambootti sochii kan gootes daangaa aanaalee kana lamaaniitti kan argamtu ganda Jirmaa Qorpheessa bakka addaa Jirma jedhamtutti haleelamuun madoo fi reenfa konkolaata lamaan kaafatanii bakka dhufanitti deebi’anii jiru.
Aanuma Ilfataati konkolaata 14n ganda Herootti kan bobbaates bakka addaa lafa gabaa Kamisaatti qondaala ishee dabalatee miseensota waraana 7 bakkuma lolamanitti yoo awwaalaman madoo 9 baattachuun magaala aanaatti deebi’anii jiru.
Magaalaa Aanaa Ilfataatii gara ganda Hidhabuu Sandiitti kan bobbaa’an Caamsaa 14, bakka addaa lafa gabaa Ayyaana Sanyiitti irree jajjabee WBOtiin cafaqamuun 13 battalatti biyyee yoo siphatan loltootni 8 madoo cimaan adabamuun gara duubaatti deebi’anii jiru.
4. Bishooftuu
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa Bishooftuu seenuun tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon adabuu beeksise.
Caamsaa 15, 2023 irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn, Caamsaa 14, 2023 halkan magaalaa Bishooftuu seenuun tarkaanfii laalessaa diina irratti fudhateen du’aa fi madoon adabuun kan hafte ammoo moonaa keessaa ari’ee baasuun meeshaalee lolaa hedduus booji’ee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Magaalaa Bishooftuu ganda Dirree Jiituu keessatti kan argamu buufata Poolisii Sunshine qajeelcha poolisii 3ffaa jedhamee beekamu irratti tarkaanfiin kan fudhatame yoo ta’u, tarkaanfii kanaanis loltoota 7 fi tikoota 3 battalatti ajjeesee raayyaa ittisa impaayerittii 10 madoon adabee jira.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 10, rasaasa AKM hedduu, boombii harkaa, akkasumas uffataalee waraanaa moonaa diinaa keessaa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
5. Guduruu
Tarkaanfii WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa fi Daduu keessatti fudhateen waraana PP arihuun aanaa Kombolchaa guutuutti dhuunfate hidhamtoota siyaasaa 100 ol mana hidaa irraa hiikee jira.
Caamsaa 17, 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii humna diinaa magaalota aanaa fi godinaa keessaa buqqisuu fudhatuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa siyaasaan hidhaman harka diinaa keessaa baasuun gara maatii fi jireenya dhuunfaa isaaniitti deebisuun beekama.
Har’a ganama Caamsaa 17, 2023 tarkaanfii godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa keessatti WBOn fudhate diina aanicha keessaa buqqiseen hidhamtoota siyaasaa kaabinootni fi qondaaltotni waraana PP hidhanii dararaa turan 100 ol buufata poolisii keessaa baasuun bilisaan gadhiisee jira.
Kana malees buufata poolisii sana keessaa uffata seeraa kan waraanaa konkolaatàa FSR sadii dhuunfachuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Tarkaanfii boonsaa jajjabeen fudhachaa jiruun sa’a ammaatti waraana faashistii PP guutuutti aanaa Kombolchaa keessaa buqqisuun qawwee Dishqaa, Mortaara, AKM 85, PKM 6, isnaayipperii 3, rasaasa gosa adda addaa 8245, boombii 62, hidhannoo fi uffata waraanaa irraa booji’ee jira.
Lola kanaanis waraanni murna bilxiginnaa 81 yoo du’aan adabaman 100 ol madaa’uun kanneen hafan madoo fudhachuun baqachaa jiru.
Lola godinichuma aanaa Daduu keessatti geggeeffamaa jiruunis qaqqaaliiwwan sanyii Elemoo Qilxuu mooraa gurguddaa aanichaa keessaa baasuun mooraa tokkotti gumeessanii lola jiru.
Aanaa Daduutti lolli kan hin xumuramne yoo ta’u, hanga ammaatti loltootni PP 25 ajjeefamuun hedduun madaa’anii jiru. Gama meeshaatiin qawwee jarri gatanii baqatan waliin AKM 35, boombii, rasaasaa fi meeshaalee waraanaa hedduu irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.
Haaluma kanaanis qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn har’a Caamsaa 13, 2023 ganama irraa eegaluun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Qarree Waatiyyoo keessatti waraana faashistii Abiy Ahimed duula sakattaaf bobba’aan baarudaan macheessee oliif gadi akaa’uun loltoota PP ganda lama keessa dabarsuun magaalaatti galchee jira.
Lola kanaanis humna diinaa irraa loltoota 75 ajjeesuun 126 madeessee dishqaa 2, moortara 1, PKM 8, isnaayippera 6, qawwee AKM 65, rasaasa adda addaa 3215, boombii 28 irraa yoo hiiku, loltoota PP 35 harkaan qabee jira.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Arraata Biyyoolessa Oromiaa

