ONM-ABO Fulbaana 16, 2025
Murni Bilxiginnaa akka waan hidhaa fi ajjechaan uummata Oromoo jilbeenfachiisuutti yaaduun guyyuu golee Oromiyaa cufa keessatti afaan qawweetti dhimma bahuun gochawwan suukkanneessaa garaa garaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u, murni kun abdii kutachuu irraa kan ka’e badii tokko malee uummata nagaa irratti gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa geessisaa jira.
Bifuma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Guddataa Doobbii jedhamutti Fulbaana 15, 2025 waraanni PP namoota maqaan isaanii:
- Galgaloo Moosisaa,
- Tashoomee Goobanaa,
- Tamasgeen Abbabaa,
- Gizawuu Waggaarii
jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaaniif qofa yakkuun bulchiinsa magaalaa Baballaa keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattotni himanitti, namoonni hidhaman kunneen deggartoota dhaaba siyaasa kamiyyuu osoo hin taane qonnaan bultoota qonna qotuun maatii isaanii jiraachifatan yoo ta’an, waraanni PP garuu isin ilaalcha WBO qabdu jechuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.
Aanaa Jimmaa Raaree gandoota garaa garaa keessatti waraanni fi kadiroonni PP waliin ta’uun uummata aanichaa irratti dhiittaa mirga namoomaa hammeessuun jiraattotni roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamaa akka jiran dubbatu.

