Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti hidhattoonni sirnichaa hawaasa nagaa hidhaa fi reebichaan dararuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Amajjii 30, 2025  

Ergamtoonni kaayyoo fi akeeka deemaniif tokkollee hin qabne loltoonni Abiy Ahimed garaa isaanii guuttachuuf jecha uummata Oromoo sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa hangana hin jedhamne irratti raawwachuu cimsanii itti fufan.

Aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa keessaa waraanni maafiyaan PP Amajjii 28, 2025 haadha daa’ima waggaa lamaa kan taate maqaan ishee Zawudee Shuree kan jedhamtu maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, gandichuma keessaa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Misgaanaa Tolasaa jedhamus “obboleessa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun reebicha hamaa irraan gahuun yeroo ammaa mana yaalaa keessatti du’aaf jireenya gidduu jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, waraanni goolessaan impaayerattii gandicha keessatti maatii qabsaa’otaa adamsee hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu irratti xiyyeeffatee jiraachuu fi namoota mana yaalaa dhuunfaa qaban irrattis maqaa gibiraatiin saamicha daangaa darbe raawwachaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version