ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Uummata nagaa qe’ee isaa irra hojii dhuunfaa isaa hojjetachuun jiraatu yakkamtoonni farra dhala namaa waraanni garee faashistii PP ofii isaaaniif yakkamaa ta’uu isaanii fudhachuu irra uummata yakkamaa taasisuun jumlaan guuranii mana hidhaatti darbuu fi qabeenyaa isaaniin ala taasisuu Oromiyaa keessatti jabeessanii ittti fufanii jiru.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Baballaa jedhamu keessaa Sadaasa 5, 2024 fi 6, 2024 ergamtoonni sirnichaa namoota maqaan isaanii:
- Fedhasaa Deessisaa fi
- Yaadasaa Balaay jedhaman badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana irraa nama maqaan isaa Olaanaa Sarbeessaa jedhamu ammoo “ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun qarshii 50,000 jalaa saamuun akkasumas dirqamaan muka guurtee waajjira gandaa ijaaruu qabda jechuun doorsisaa jiraachuus maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, waraanni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhu sababeeffachuun bobbaafaman kunneen gandoota baadiyyaa kanneen akka Baddaa Warqee, Ifa Biyyaa, Guddataa Doobbii fi kanneen biroo hedduu keessatti gochoota wal fakkaataa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraachuu himuun, yeroo ammaa kanas hawaasni aanichaa hundi yaaddoo guddaa keessa seenee jiraachuus itti dabaluun himaniiru.

