Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Deedootti ergamtootni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM- ABO Adooolessa 9, 2024

Ergamtootni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo nagaan qe’ee isaarra jiraatu irra yakka barbaaduun shira xaxanii badii tokko malee qabanii dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu fi sababa kanaan qe’een hawaasa Oromoo rakkoo hawaasdinagdeen dha’amaa jiraachuun barameera.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Deedootti caasaan bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuraa jiru.

Aanaa Deedoo mana barumsaa Ginjoo Abbayyii jedhamu irraa barsiisota maqaan isaanii:

  1. B/saa Yoomiyyuu
  2. B/saa Taammiruu fi
  3. B/saa  Kabiir jedhaman qabanii waajjira poolisii aanaa Deedootti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyaatan himan.

Namni ijaan arge tokko akka jedhutti, “barataan tokko sirna cufiinsa mana barumsaa irratti Adoolessa 03,2024 walaloo dhiyeessee ture. 

Ergamtootni bilxiginnaa walaloo sanatti waan hin gammadneef, barsiisota sana sadaniin ‘isintu akkas goosise’ jechuun hidhaatti naqan” jechuun dubbata.

Dabalataanis, onichuma ganda Affallii Qorxii jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Mahaammadamiin Abbaa Tamaam jedhamuu fi haadha manaa isaa Aadde Zabiibaa kan jedhamtu hojjettuu ekisteeshinii fayyaa kan taate badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf waajjira poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuun ibsameera.

Obbo Mahaammadamiin kana duras ji’a tokko dura sababa tokko malee yakkamee ji’oota lamaaf hidhamee kan gadhifamee fi ammas irra deebiin yakka tokko malee haadha manaa isaa waliin hidhamee jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version