Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Deedootti ergamtoonni murna Bilxiginnaa dargaggoo doqdoqqee oofu tokko irratti reebichaa fi saamicha raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Deedootti ergamtoonni murna Bilxiginnaa Adoolessa 17, 2025 dargaggoo maqaan isaa Saabir Abbaa Tamaam jedhamu badii tokko malee, daandii gubbaatti ba’uun erga qabanii booda, reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun qarshii 2000 harkaa fudhanii gadi dhiisuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi loltoonni faashistii PP kunneen maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun yakkanii reebichaa fi saamicha irratti kan raawwatan ta’uu himuun, yeroo ammaa kana immoo miidhaa dugda isaa irra gaheen haala yaaddessaa keessa jiraachuu isaa dubbatu.

Akka aanichaatti, namoonni doqdoqqee oofanii jiraatan akka itti hojii idilee isaanii hojjetan dhabuun rakkoo dinagdee hamaaf saaxilamanii jiraachuu fi dararaan akka walii galaatti jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuun baramee jira.

Exit mobile version