Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti reebichaa fi dhukaasa banan

ONM-ABO Fulbaana 26, 2024

Murni fedhaa fi mirga hawaasaa guyyaa tokkoof illee eegee hin beekne, afaaniin immoo akka waan  uummata Oromoof dhaabbatuutti kan kijiba oofaa oolu, ergamtoota isaa ilmaan Oromoo irratti bobbaasuun miidhaa adda addaa geessisaa jiraachuun ni beekama.

Kanumaan walqabatee, aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Ushaanee Qoocee jedhamu irraa Fulbaana 23, 2024 ganama obboroon kaadiroonni fi milishoonni murna bilxiginnaan sochoofaman hawaasa mana isaa jiru irratti dhukaasa roobsuun reebicha hamaa ta’es irratti raawwatanii walga’ii baasuu isaanii jiraataan gandichaa tokko ONM’tti hime.

Akka jiraataan gandichaa maqaan isaa akka hin dhahamne barbaadu kun jedhetti ergamtoonni bilxiginnaa kun gocha gara jabinaa kana kan raawwataniif “walga’ii ba’uu diddan” jedhanii sababa tokko malee dhukaasa irratti banuun reebicha hamaa erga irratti geggeessaniin booda dirqamaan walga’ii baasuu isaanii dubbateera.

Exit mobile version