Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoonni ooyiruu isaanii irratti oomisha qonna arfaasaa akka hin oomishne dhorkaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Dinagdee qonnaan bulaa Oromoo gama isaaniif danda’aame maraan quucarsuuf kan rakkatan tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa, sababoota garaa garaa uummata rakkisuu itti fufanii jiru.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Meexxii Abbayyii keessatti yeroo amma kana wayita waqtiin arfaasaa ga’ee qonnaan bultoonni oomisha qonna arfaasaaf qophii taasisaa jiranitti, murni Bilxiginnaa ammoo gatii xaa’oo humnaa ol qaalessuun qonnaan bulaanis maallaqa ittiin bitu dhabee rakkachaa yeroo jirutti; “lukkeeleen sirnichaa dirqama sanyii fi xaa’oo wal faana buustanii facaasuu qabdu” jechuun akka isaan sanyii waan qabaniin hin buufanne gufuu itti ta’anii dararaa jiraachuu qonnaan bultoonni gandichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka qonnaan bultoonni dubbisne himanitti, gatiin xaa’oo kan baroota darbanii irratti dachaan dabalee kan jiruu fi sanuu  dhoksaan abbootii qabeenyaa qofatti gurguramaa jiraachuu himuun, sababa kanaan  hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru waan ittiin  bitatu dhabee akka humna isaatti xaa’oo malee hojjechuu fi sanyii buusee xaa’oo itti eeggachuuf hojiitti yeroo seenan dhorkamuu dubbatu.

Kanumaan wal qabatee, Bitootessa 19, 2025 qonnaan bultoota hedduu qotiyyoo camadanii qonna irra jiran hiiksisuun ooyiruu isaanii keessaa ari’anii kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Qaala’iinsa jireenyaa dabales gatii xaa’oo olka’uun mormii qonnaan bultoota irraa ka’us siyaasatti kan jijjiiru Bilxiginnaan warshaa xaa’oo fi maashinoota xixxiqqoo qonnaan bulaaf gatii salphaan dhiyeessuu irra masaraa hojjechuu fi daawwannaa magaalaan maallaqa baasuu hojii taasisatee jira.

Exit mobile version